Friday, July 22, 2011

http://oromoawarenesshumanrightsporoject.blogspot.com/


ODUU OROMOO
 
DHAAMSA HATATTAMAA
Wednesday, 07.20.2011, 08:59pm (GMT)

DHAAMSA   HATATTAMAA
Gara:  Lammiiwwan Oromoo
           - Bakka  Jiran Maratti
Irraa:  Koree Gargaarsa Baqattoota Oromoo Biyya Yaman
          -  Minneapolis, Minnesota
Kabajamoota Lammiiwwan Oromoo,
Baqattootni  saba Oromoo kanneen biyya Yaman-tti dahatan ammaan tana:   ajjeechaa, dararaa, beela, dheebuu fi roorroo akkaan hamaa keessatti  waan argamaniif  jecha, bakka jirtan maratti iyyannoo isaanii hawaasota Oromoo-tii fi kan addunyaatti  akka dabarsitaniif  maqaa isaaniitii fi ka  Koree Gargaarsaa tiin   kabajaan isin gaafadha.  
Rakkoon harkaa isaan qabdu,  ajjeechaa fi dhiitamiinsa mirga namoomaa qofaa  miti.  Daa’imman  nyaataa fi dhugaatii hin qaban. Harma keessi duwwaa  xuuxaa yaratanii   ergaramaan dhumuuf   guyyaalee lakkaawataa jiran. Kanaaf, dhaamsa hatattamaa  kana barbaachise.
Dhugamatti,  yaroon hin jiru.  Namoonni kun,  gara baatiiwwan lamaatiif  dahata dhabanii karaalee   gubbaa oolanii  bulan.  Osomaa gurri nu dhagawu  ummanni kun beelaa fi rasaasaan achitti dhumuun,  gadda seenan hin daganne tahuuf  jiraata.  
Kanaafuu, jaarmayootaa fi lammiiwwan Oromoo martinuu biyya jirtanitti:
1.Iyyaa  iyya dabarsaa.  Jaarmayaalee dhimmi kun ilaalutti xalayaa barreessaa.  Hawaasota Oromoo-llee  dhageessisaa.
2.Qabeenna fi  beekkomsa keessaniin daddaffitti  baqattoota  kana  bira dhaabadhaa.  Namoonni mahaallaqa  gumaachuu  barbaaddan: hawaalaalee  adda addaatti gargaaramtanii  -  maqaalee namoota  armaa gadiitiin  erguufii  ni dandeetta/ssan ( maqaa guutuu beekuuf dura telefoonaan qunnamaa)
A. Ahmed     - Dura-taa’aa  - 967-735-987-366
B. Abduljalil  - Itti-aanaa  - 967-711-047-905
C.Abdulgani  - Barreessaa – 967-733-495-428
D.Hamza       - Abbaa-Diinagde -967-736-743-241
E.Biqila         - Toohataa  -  967-773-906-007
Yaa  lammiiwwan Oromoo,
Waan jechootaan ibsinu caalaa mee suuraalema  ‘website’-wwan  Oromoo irra jiran  laalatii, murtii mataa keessanii fudhaddhaa.   Dirqama sabummaa bakkaan gayaa.  Namoonni  gaafii  ykn odeeffannoo irra caalaa barbaaddan,  ‘e-mail’-n  nu qunnamaa.  Galatoomaa.
Kabajaa wajjiin,

Sa’id Muhaammad Alii
Geggeessaa Koree Gargaarsaa – Minnesota
Adoolessa 20, 2011

No comments:

Post a Comment