Friday, July 22, 2011

oduu

Gadaa.com
Manni Maxxansaa Oromiyaa kitaabota armaan gadii kana maxxansiisee yeroo gurgurtaaf magaalaarra oolchu gammachuu guddaatu itti dhaga’ama.
Akkasumas Kitaabonno Biroo baayyeen bona kana Kora Hawaasa Oromoo Minneapolis irratti ta’u irrattis ta’e biyyoota adda addaa hawaasni keenya baayyinaan jiranitti gurgurtaaf raabsamee jira. Odeessa dabalataaf e-mail dmatib73@yahoo.co.uk ykn             404 322 8483       nu qunnamaa.
Gadaa.com
Seenaa Oromoo 1570-1860
Barreessaan: Dr. Mohammed Hassen
Kan Afaan Oromootti hiike: Dawit Likkaasaa Bulchaa
Maxxansiisaan: Mana Maxxansaa Oromyaa
Guddina kitaaba kanaa: Fuula 239
Gatii: $20
Waa’ee kitaaba kanaa: Kitaabni kun mata duree “The Oromo of Ethiopia: A History 1570s –1860s” jedhu jalatti bara 1990 barreessaa kanaan kan qophaawee maxxanfame yoo ta’u, waggaa 20 booda fooyya’ee afaan Oromootti hiikamee maxxanfame. Kitaabni Kun lammii Oromoofis ta’e, kanneen seenaa Oromoo hundeen barachuu barbaadan maraaf kennaa gaarii dha.
Gadaa.com
Barreessaan: Mangashaa Riqituu
Maxxansiisaan: Mana Maxxansaa Oromiyaa
Guddinni fuula isaa: 316
Gatii: $25
Qabiyyee Kitaaba kanaa: Kitaabni kun jireenya Oromoo guyyuu kaleessaa hanga har’aa jiru irratti hundaa’ee kan barreeffame yoo ta’u, achii dhufiinsa Oromoo fi sirna akkamiin akka jiraachaa turee fi jirulleen ibsa. Itti dabalees seenaa Gootota Oromoo Obbo Baaroo Tumsaa fi Luba Guddinaa Tumsaalee gad fageenyaan addeessa.
Akkasumas Kitaabota Armaan gadii kana gurgurtaaf ni qabna
Gadaa.com
Fedhii Gam-Tokkee fi Og Barruu Gaggabaaboo Biroo
Barreessaan: Gaaddisaa Biruu
Guddina fuulaa: 166
Gatii $10
Goosa Kitaabaa: Asoosama Gaggabaaboo
Gadaa.com
Mudaanmuddii
Barreessaan: Boruu Barraaqaa
Maxxansiisaan: MM Oromiyaa
Guddina Fuulaa: 469
Gatii: $20
Goosa Kitaabaa: Asoosama
Gadaa.com
Owruu Bineensaa
Barreessaan: George Orwell
Kan Afaan Oromootti hiike: Abbaa Caalaa Lataa
Guddina Fuulaa: 142
Gatii: $10
Goosa Kitaabaa: Asoosama
Gadaa.com
Goota Oromiyaa
Gulaltootni: Daraaraa Maatii fi Dr. Mohammed Hassan
Maxxansiisaan: MM Oromiyaa
Guddina Fuulaa: 435
Gatii: 25
Goosa Kitaabichaa: Qorannoo Seenaa Gootota Oromoo
Gadaa.com
Seenaa Abishee Garbaa fi Gootota Oromoo Biroo
Barreessaan: Ginabr Nagaraa Kuusaa
Guddina Fuulaa: 142
Gatii: $ 10
Qabiyyee Kitaaba Kanaa: Seenaa Dhuunfaa Abishee Garbaa fi Gootota Oromoo Biroo
Gadaa.com
Burqituu
Barreessaan: Mangashaa Riqituu
Maxxansiisaan: MM Oromiyaa
Guddina Fuulaa: 279
Gatii: $20
Goosa Kitaabaa : Kitaaba Aadaa fi Seenaa Oromoo
Contending Nationalisms of Oromia and Ethiopia: Struggling for Statehood, Sovereignty, & Multinational Democracy
Gadaa.com
Barreessaa: Dr. Asafa Jalata
Maxxansiisaan: Global Academic Publishing, Binghamton University
Guddina Fuulaa:229
Gatii: $35
Goosa Kitaabaa: Kitaaba Qorannaa Siyaasaa fi Dinagdee Oromiyaa
Gadaa.com
Gaadii
Barreessaan: Daraaraa Maatii
Giddina Fuulaa: 359
Gatii: $10
Goosa Kitaabaa: Asoosasama Gabaabaa
http://www.creative8studios.com/oromia/


Bareedduu Oromoo : 2011 Miss Oromo Pageant, Thursday July 21st

Bareedduu Oromo (Miss Oromo Pageant) is this Thursday. Started in Seattle Washington, organizers of Oromo pageant are taking their experience on the road. For the first time, the Oromo pageant will be held in Little Oromia.

The tradition began in 2003 during North American Oromo Soccer Tournament in Seattle. It was colorfully repeated last year creating even more buzz leading to the selection of last year's winner to participate in Miss Oromia Pageant held in Oromia.

Last year, the Oromo pageant formally aligned itself with Oromo Artists Association to hold the event on annual basis.

The main focus of the pageant is a cultural celebration in the form of Oromo fashion show, invigorating music selections during the intermissions, poetry slams, and the Miss Oromo beauty contest. In 2003, participants came from all over the United States to take part in the contest.

A panel of three judges assessed the participants’ ability to model in cultural outfits, demonstrate a thorough knowledge of Oromo history, and most importantly the ability to speak Afaan Oromo. Miss Ganame Bati of Minnesota was crowned the 2003 Miss Oromo. Ms. Idaho Oromo, Dureti Adama was the winner of 2010 Oromo pageant based on the crowds’ choice, by earning the most points answering the judges’ questions, and her ability to speak Afaan Oromo fluently.

The 2011 Miss Oromo Pageant will be held on Thursday July 21st during Muktar Usman and Hirpha Ganfure's concert.

Location : Kelly Inn
161 St Anthony Ave
Saint Paul, MN 55103
http://oromoawarenesshumanrightsporoject.blogspot.com/


ODUU OROMOO
 
DHAAMSA HATATTAMAA
Wednesday, 07.20.2011, 08:59pm (GMT)

DHAAMSA   HATATTAMAA
Gara:  Lammiiwwan Oromoo
           - Bakka  Jiran Maratti
Irraa:  Koree Gargaarsa Baqattoota Oromoo Biyya Yaman
          -  Minneapolis, Minnesota
Kabajamoota Lammiiwwan Oromoo,
Baqattootni  saba Oromoo kanneen biyya Yaman-tti dahatan ammaan tana:   ajjeechaa, dararaa, beela, dheebuu fi roorroo akkaan hamaa keessatti  waan argamaniif  jecha, bakka jirtan maratti iyyannoo isaanii hawaasota Oromoo-tii fi kan addunyaatti  akka dabarsitaniif  maqaa isaaniitii fi ka  Koree Gargaarsaa tiin   kabajaan isin gaafadha.  
Rakkoon harkaa isaan qabdu,  ajjeechaa fi dhiitamiinsa mirga namoomaa qofaa  miti.  Daa’imman  nyaataa fi dhugaatii hin qaban. Harma keessi duwwaa  xuuxaa yaratanii   ergaramaan dhumuuf   guyyaalee lakkaawataa jiran. Kanaaf, dhaamsa hatattamaa  kana barbaachise.
Dhugamatti,  yaroon hin jiru.  Namoonni kun,  gara baatiiwwan lamaatiif  dahata dhabanii karaalee   gubbaa oolanii  bulan.  Osomaa gurri nu dhagawu  ummanni kun beelaa fi rasaasaan achitti dhumuun,  gadda seenan hin daganne tahuuf  jiraata.  
Kanaafuu, jaarmayootaa fi lammiiwwan Oromoo martinuu biyya jirtanitti:
1.Iyyaa  iyya dabarsaa.  Jaarmayaalee dhimmi kun ilaalutti xalayaa barreessaa.  Hawaasota Oromoo-llee  dhageessisaa.
2.Qabeenna fi  beekkomsa keessaniin daddaffitti  baqattoota  kana  bira dhaabadhaa.  Namoonni mahaallaqa  gumaachuu  barbaaddan: hawaalaalee  adda addaatti gargaaramtanii  -  maqaalee namoota  armaa gadiitiin  erguufii  ni dandeetta/ssan ( maqaa guutuu beekuuf dura telefoonaan qunnamaa)
A. Ahmed     - Dura-taa’aa  - 967-735-987-366
B. Abduljalil  - Itti-aanaa  - 967-711-047-905
C.Abdulgani  - Barreessaa – 967-733-495-428
D.Hamza       - Abbaa-Diinagde -967-736-743-241
E.Biqila         - Toohataa  -  967-773-906-007
Yaa  lammiiwwan Oromoo,
Waan jechootaan ibsinu caalaa mee suuraalema  ‘website’-wwan  Oromoo irra jiran  laalatii, murtii mataa keessanii fudhaddhaa.   Dirqama sabummaa bakkaan gayaa.  Namoonni  gaafii  ykn odeeffannoo irra caalaa barbaaddan,  ‘e-mail’-n  nu qunnamaa.  Galatoomaa.
Kabajaa wajjiin,

Sa’id Muhaammad Alii
Geggeessaa Koree Gargaarsaa – Minnesota
Adoolessa 20, 2011